OPDO qalatanii nyaatuf albeen qaramee bishaan affeellatis danfaa jira

0
1407
TPLF OPDO

By Jawar Mohammed
TPLF OPDOAkkuma Abaay Xaayyee dhaadate duulli OPDO deebisanii kolaasuu cimee itti jira. Kana kan agartaniin keessaa
1) OPDOn gaafiin Maastar Pilaaniin kan haqaati, dhaabbachuu qaba jette. Wayyaaneen garuu rakkoo kira-sassaabdummaafi hanqina bulchiinsa gaariiti jette. OPDOn kara Abbaa Duulaatin yaada kana mormuuf wixxifatte. Amma moo’amte fakkaatti Asteer Maammo gadi baate eeyyeen ‘rakkoon tan OPDOti, nutu kira sassaabdota ( sassaabanii bar jarumaaf kennaniin), nutu bulchiinsa gaarii hanqise jettee jirti. Kana jechuun rakkoolee jiran maraaf yakkamaan OPDO taatee jirti.

2) Pirazidantiin Oromiyaa bakka buuteen isaa hin beekamu. Gariin dhibame biyya alaa jira jedha, garuu ragaan qabatamaa hin dhiyaanne. Gariin hidhaa jira jedhu, kunis ragaa hin qabu. Gariin ammoo kararraa mqasan jedhu. Maalifu wanni tokko ifa. Muktaar hojii isaatirra hin jiru. Bakka isaa namni bu’ee waa laaqu Asteeri, isheen suduudana itti aanaa itti gaafatamaa Tika Wayyaanee Isayas Gabragoorgisiif gabaafti. ( Akkaataan Muktaar itti maqsan kun kanuma Juneedin Saaddo fakkaatti. Dura dhibame jedhan, san booda dhabame ta’e itti aansee ari’ametu as dhufa). Dhaabaa Dabaleetis afaan qabsiisanii, ummatarraa ugguranii olola itti oofaa jirani warra nyaatamu keessa tokko ta’uu hin oolle.

3) Koreen hoji raaw’achiiftuu OPDOfi kaabineen Oromiyaa akka wal hin geenye dhoowwamanii jiran. Sababni kanaaf kenname kan ifaa ‘yoo wal geessan wal loltanii daran rakoo uumtan’ kan jedhu yoo ta’u, kan dhugaa garuu jarri walgeennaan waliigaltee mala malatti sodaa jedhuudha.

4) Qondaalota ol’aanoo irrratti albeen qaramaa jiraatus warra jalaa qaluufi affeeluun qaata eegale. kaabineelee Godinaafi aanaa keessaa ari’uufi hidhuun bal’inaan itti fufee jira. Kun ammoo godinoota mormiin cimaan itti mul’ate qofa osoo hin taane bakka maratti bifa walfakkaatuun itti deemamaa jira.

Wayyaaneen akka yaaddetti OPDO deebiftee kolaasuu dandeessii? San kan murteessu akkaataa OPDOn dura itti dhaabbatuunidha. Yeroo ammaatti Wayyaaneen humna waraanaafi tikaa harkaa qabaattus jabina OPDO itti diigdu hin qabu.
1) Wayyaaneen erga Mallas du’ee as hoggana waan murteessu hin qabdu. Hogganoota hedduu kan ofiifuu waldorgoman qabdi. Kan tokko murteesse kaan ni faallessa. Yeroo ammatuu OPDO ni rukunna moo ni sossobnaa jiddutti atakaaroo keessa galtee jirti. Kanaaf osoo OPDOn diddee Wayyaaneen murattee rukutuuf ni rakkatti.

2) OPDOtu wallaale malee sochiin ummata humna guddaa isaaniif laatee jira. Yeroo ammaatti yoomi ol Wayyaaneetu OPDO irratti irkataadha. Ummata qabbaneessuuf, diplomaatota dhiibbaa godhaa jiran laafisuuf, ol’aantummaa Tigrootaa kana dhoksuuf kkf. Kanaaf OPDOn sodaa dhiiftee ejjannoon osoo sochootee Wayyaaneen adabattee irraa gadi teessi. Rakkoon jiru yeroo OPDOn gariin jabaattee dubbattu gariin faallaa saniitin jara jala shululukti. Fkn Abbaa Duulaatif Lammaa Magarsaa yeroo jabaatanii dhaaba isaanii ittisan, Asteerifi Muktaar ammoo Wayyaanee ola Wayyaanomanii as bayan. Kun jarri akka keessa isaanii agartee abdattu godhe.

Wanni OPDOn gubba hamma gaiitti beekuu qabdu
1) Wayyaanee ol Wayyaanomuun Muktaaruu dhayamurraa hin oolchine
2) Wayyaaneen dhiibbaa alaafi keessaatin raafamtee jirti. Humna OPDO dhooftuun hin qabdu yoo isinummaan of dhoofsiftan malee.

Dhumarratti isin jabaattanii laaffattanii qabsoon ummata Oromoo ittuma fufa. Warri Wayyaaneef amanamaa taatan haga fedhe yoo jara jala fiigdanis sirni horoqe kun jiguun isaa hin oolu isinirratti hin kufinii eeggadhaa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here