Ofidheegaa, yoo argittaan tarkanfii fudhaa
Oduu Ariifachiisa Amma nudhaaqqabe. Nama oromoo taatee naannoo oromiyaa keessa jiraattan hundaaf share gochuun waliif dabarsa. Mootummaan wayyaanee kallatti hin beekkamneen icciitii uummataa baasuuf dubartoota isaaniitiif/dubartoota isaan wajjiin tokko ta’aniif Leenjii gabaabaa kennuudhaan uummata oromootti erguun isaa amma yeroo dhihoo kanatti nu bira gaheera. Mootummaan kun naannoo oromiyaa keessatti aanaalee oromiyaa keessa jiran hunda keessatti dubartoota kudhaniif shan (15) hoteelaaf mana itti dhiichisan(Cifera bet) kan jedhamutti oromiyaa hunda keessa tamsaasuudhaan akka isaan icciitiif odeeffannowwaan gara garaa qeerroo oromoo irraa funaanani fidaniif,akkasumas battaluma sanatti hisisuuf,waraqaa eenyummaa isaanii,mobayilii isaan sakattaasisuufi ragaalee biroo kamiyyuu haala salphaa ta’een harkatti galfatee Qeerroo irratti tarkaanfii fudhachuuf saphana lukee isaa haala kanaan diriirsee jira. Kanumarraa ka’uun namoonni oromoo taatan yeroo mana dhugaatii gara garaa seentaniif yeroo mana nyaata seentan akkasumas, yeroo kamiiyyuu of eeggannoon akka adeemtan kabajaan isan beeksifna!
BILISUMMAAN KAN UUMMATA BALDHAATI!