Dhukkuba Golfee Qorichi Michii Hin Fayyisu

0
476

By Jawar Mohammed

Dargaggoonni miseensa OPDO ta’a dhibbaatamaan lakkaayaman har’a irraa eegalee magaalaa Adaamaa keessatti walgahiif akka taa’aan beekamee jira. Kanumaan walqabatee rakkoo hoji-dhabdummaa dargaggootaa hir’isuuf mootummaan Oromiyaa Birrii miliyoona 300 akka ramade miidiyaaleen sirnichaa hafarsaa jiru.

Akeekni konfaransii kanaa dargaggoota sossobuun qabsoo laamshessuu akka ta’e dhoksaa miti. Garuu haasayni rakkoo hoji dhabdummaa furra jedhu hammam dhugaadha? Hammamis milkaaya?

1) Yeroo amma kanatti mootummaan Oromiyaafi Itoophiyaa rakkina baajataa hamaa keessa waan jiraniif maallaqa miliyoona 300 gahu ramaduuf eessaa fidan? Mootummaan mindaa hojjatttottaa kafaluu dadhabee rakkataa jiru maallaqa hammasii samii buusamoo dachee keessaa baasa?

2) Osoo maallaqni sunuu argamee rakkoo hoji dhabdummaa dargaggoota Oromiyaa furuu dhiisi hirdhisuufuu hin gahu. Ummata Oromiyaa keessaa harki 70 ol umrii 30 gadi jira. Ummata waliigalaa keessaa hamma miliyoona 10 kan ta’u umrii dargaggummaa ( 15-29) jidduu akka jirutti tilmaamama. Dargaggoota kana keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaan 40%( dargggoo miliyoona 4 ol jechuudha) hojii akka hin qabne ragaan mootummaa ni agarsiisa. Warri hojii qabus irra jireessi isaanii galiin argatan baasii jireenyaatiin akka wal hin gitne beekamaadha. Maarree birriin miliyoona 300 jechuunis doolaarri miliyoona 15 rakkoo ummata dila kanaa furuu dhiisaatii haara galfachiisuufuu ni geessii?

3) Biyya san keessatti mootummoota dhufaa dabraa hunda jalatti hammi lakkoofsa dargaggoota hojii dhabanii kun dabalaa malee hir’atee hin beeku. Dargaggoonni marii kanarratti akka hirmaattaniif affeeramtan mee geefii kana of gaafadhaa. Diinaggeen Itoophiyaa kan waggoota kudhaanii oliif dijitii lamaa oliin guddataa jira jedhame, rakkoo hoji dhabdummaa kana hir’isuu akkamiin dadhabe? Deebiin kanaa hiddi rakkoo hoji dhabdummaa akkaataa caaseffamaafi raabsaa diinaggee biyyaattii ( structural and distribution) akka ta’e akkeeka. Rakkoo hiddi isaa gadi fagoo ta’e kana caasaafi raabsaa isaa jijjiiruun malee yeroma dargaggoon fincile maallaqa xiqqoo itti facaasuun hin furamu. Maddi rakkoo hiddi fagoodha hoggaa jennu, galiin diinaggee biyyattii irraa argamu deebi’ee ummataaf kan raabsamu osoo hin taane harka namootaafi gartuulee muraasaatitti hafaa jira. Namoonnifi gartuuleen fayyadaman kun ammo namootumaafi gartuulee aangoo siyaasaa dhuunfatanii jiran ta’uun ifa. Kanaafuu rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa hiddaan furuudhaaf sirna ol’aantummaa saba tokkoo biyya sabaafi sablammii hedduu qabdurratti tuulamee jiru kana hiddaan buqqisuun dirqama.

4 ) Diinaggee Oromiyaa/Itoophiyaa keessatti har’as ummanni dhibbeentaa 80 ol har’as hojii qonnaatirraa galii argata. Garuu adaduma lakkoofsi ummataa dabalaa deemu lafti qaonnaa wal hanqataa deemaa jira. Lafuma wal hanqataa jiru kanaa ammo maqaa invastimantiitin Oromoo irraa fuudhudhaan alagaan gurguramaa jira. Kanatu ilmaan qonnaan bulaa akka rakkoo hoji-dhabdummaatiin hiraaran godhaa jira.

5) Damee diinaggee warshaa ( manufacturing), daldalaa ( trade) fi tajaajilaa ( service) keesssatti qoodni Oromoo akkan xiqqaadha. Kan gaafa Darguu saniiyyuu gadi yeroo ammaa. Kanaafuu Oromoon waa barate gara dameelee kanaatiin hiree uummachuuf akka hin dandeenye balbalti cufaadha. Ol’aantummaan alagaan dame kanneenii hamma itti fufee jirutti rakkoo hoji dhabdummaa ni furra jechuun of sobuudha.

Kanaafuu diinaggeen Oromiyaa hoji dhabdummaa furuu wanni dadhabeef imaammannifi tarsiimoon gubbaadhaa gadi dhufu galiin argamuu namoota muraasa saba Tigree irraa dhufan akka fayyaduuf waan bocameefi. Akkuma nama golfeen qabame qorichi michii hin fayyifne, gaafuma Oromoon dallane birri muraasa itti facaasuun rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaafi hiyyummaa sabni Oromoo keessatti kufe furuu hin danda’u. Dargaggoon Oromootis, rakkoo hoji dhabdummaa jala of baasuufi hiree hojjattanii jiruu keessan fooyyessuu qabdan bal’ifachuu yoo barbaaddan furmaanni takkiitiin jiru sirna loogii sabummmaa irratti jaarame kana diiguun mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuu qofatu nu baasa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here