|
2:43 PM (0 minutes ago) ![]() |
![]() ![]() |
||
|
Sagantaan qormaataa baye gabaabina yeroo irras dabree rakkoo biraas akka qabu barattootaafi barsiistotarraa hubachuu dandeenyee jirra . Kunis sagantaan haarofti bahe dhuma baatii Sooma Ramadaanaa Amantii Islaamaa waan ta’eef sababa lamaan sirrii akka hin tayin hubanneerra.
1) Akkuma Saatibsiin mirkaneessetti sammuun ilma namaa yeroo qormaataa sirritti yaadudhaaf dhiyeessa nyaataa guddaa ( high energy supply) fayyadama. Yeroon Ramadaanaa sammuun ijoollee soomtuu waan laafuf yeroo kanatti barattoonni guyyaa gutuu taa’anii qoramuu akka hin qabne beektonni ni gorsu. Keessattuummoo dhimmichi dhimma amantii kan ta’eefii qormaatichii kanneen soomaniifii hin soomne kan fudhatan waan ta’eef Loogii ifa ta’etti ( Clear Discrimination) ilaalamuu ni danda’a. Kunimmoo waliif yaadinsa hawaasni keenna qabuufii heera biyyattiitis kan diigudha;
2) Ibsa yeroo lammataatif baftan irratti qormaatichi guyyaa ayyaanaa irratti akka hin kennamne ibsitanii jirtu . Kana jechuun ayyaana duraafi booda qormaatni ni kennama jechuudha. Hawaasni keenna immoo yeroo ayyaanaa gammachuudhaan oliif gadi waan fiffiiguuf xiyyeeffannaan barattootaa hatuuf qormaataaf akk qalbii guutuu hin kennine isaan taasisa. Kanaafuu guyyaa akkanaa irratti qormaata kennuun hordooftoota amantichaa ta’anii kanneen qoramaniif miidhaa guddaa qaba .
Yoo biyyaa sana kessattii ango kan qabduu tattaan aka rakkina kana laltan isiin yadachifna!