“Lammaa Magarsaa fi Sabboontonni OPDO Tokko Tokko”?!

0
799

Baarentuu gadaa Irraa

 “Sabboonummaan maali, eenyutu sabboona dha?  Eenyu yoo maal godhee fi hojjete sabboonaa jedhama” Gaafii jedhuuf deebiin namootaa ykn akki itti sabboonumaan ifu namootarra namootatti  addaa addummaa xixiqqoo qabaachuu mala. Haata’uutii  dhugaan nama hundumaa walii galchu  jechi “Sabboonummaa” jedhu walittii hidhaa jechoota lamaa ta’uudha. Hikkaan jechoonni kun walitti qaanja’uun kennanis ifa waan ta’eef  burjaaja’ins hiikoo gama kanaan muldhatu hin jiru. ykn  harki guddeessi namaa ibsa dabalataa malee hiikoo jecha kanaa irratti walii gala.

Sabboonummaan jecha “Saba” jedhuu fi “Boonuu” jedhurra akka maddu eenyufuu ifaadha. Jechoonni kun lamaan walitti qaanja’uun  ergaa barbaadamu dabrsaa turaniiru dabrsaas jiru. Saba + Boonuu= Sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jechuu dandeenya.

Maddi  jecha kanaa erga kana ta’ee  ergaan isaas maal akka ta’e eenyufuu ifaadha. Jechi sabboonaa ykn sabboontuu jedhuu kun kallattiidhaan ergaa “Saba ofiitin boonuu” jedhu dabarsa.Saba ofiitiin boonuun ammoo nama afaan Oromoo dhagahu maraafuu  hikni isaa ifaa dha.

Jechu  sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jedhu kun hikkaan isaa kana caalaas  guddaa fi ulfaatadha. Hiikoo saba ofiin boonuu  jedhu qofaan  jecha  Loggomamuu miti. Hiikoo hedduu gadi fagoo ta’e kan jechaan ibsuun hin danda’amne qaba.  Sabboonummaan yoo xiqqaatee xiqqaate saba ittiin bonana saniif quuqamuu, quuqamaniis rakkoo saba ittiin boonan sanirra gahuuf badaduu gaafata.  Roorroo fi balaa saba ittiin boonan sanirra gahuuf falamuu, amma wareegamaa deemanii sabicha dura ana na’aansaa osoon ani jiru sabni koo hin miidhamu itti hin roorrifamu jechuu gaafata.  Walumaa galatti sabboonumaan yoo xiqqaatee xiqqate yeroo sabni ofii diinaan lolu cinaa goranii waliin loluu gaafata.

Dhaggeeffattoota keenya hiika gadi fageenyaa jechi sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jedhu  kun qabu  cinaatti dhiifnee  isuma salphaa yoo lammiin diina ofirraa lolatu lammii cinaa dhaabbatuun diinaan lolu jedhu fudhannee ilaalle namoonni nuti sabboonadha, sabboontudha, sabboontoota jennuun kan akkamiiti? mee  takka of haa gafaannu.  dhugaa namoonni nuti sabboonaa sabboontuu jennuun saba isaaniin boonuu, saba isaaniif wareegama lubbuu kaffaluu, ykn kaffalaniiruu, lakkii saba koo hin xuqxu jedhanii diina dura waan danda;aniin dhaabbataniiru? Mee  namoota miidiyaa hawaasumama kanneen akka FB, Tuwterii, weebsaayitoota adda addaarratti barreessinu ykn raadiytoo fi TV irratti faarsaa ollu of duuba garagallee  yaa ilaallu .

Dhuguma namoonni nuti dhihoodhayis haa ta’u fagoodhaa abaluun sabboonadha ykn sabboontuudha jennuun akkuma hiikoo sabboonummaan qabuutti sabboontootaa? Ummata isaaniif ni falmuu,? Ummata koo dura  balaan dhufe ana nahaa fudhatu  jedhuu?  Kana isnuma warreen  hiikaa sabboonummaa osoo hin beekne  kan argitan mara  miidiyaa haawasummaarratti  baatanii ragaa malee, dhugaa malee haasawa faanii qofa ilaalatnii nama duuban diina waliin dhaabatee ummata isaa ficisiisaa oluun   abaluun sabboonaa, sabboontuudha jechaa oltanii fi  bultaniifan dhiisa.

Tibba kana odoon ‘Face Book’ fi weebsaayitoota adda addaa sakata’uu  ykn waan namoota adda addaatiin maxxanfaman dubbisuu  waayee miseensota OPDO arge.  Barruun gabaabaan ‘FB’ irratti maxxane kun ‘Lammaa Magasaa fi Miseensoota OPDO tokko tokko’ ilaallata.Namni barruu kana maxxansemmoo nama wayyaaneen na dararte jedhee biyyaa baqatee Ameerikaa Tiraanpiin bulaa jirtu keessa jiruu dha. Barrichi akkas jedha, “Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Lammaa Magarsaa fi sabboontonni Oromoo OPDO keessa jiran tooko tokko haalli amma itti jiran Wayyaanee waliin walitti buusuun isaa hin oolu” jedha. Barruun kun dheeraa ta’us ani isheedhuma ‘ijoo dubbii’ keenyaa taate  kan “Lammaa Magarsaa fi sabboontoota OPDO keessa jiran tokkoo tokko” jettu  tanan keessaa fudhe. Hubadhaa “Lammaa Magarsaa fi sabboontonni OPDO  keessa jiran tokko tokko” hima jettu tana. Akka hima kanaattii fi itti fufiinsaan dubbisetti “Lammaa Magarsaa sabboona dha”, himni kun Lammaa qofaanuu hin dhaabbanne. Lammaa Bira darbees  isa  birattuu Sabboontonni qondaalonni  OPDO  biros jiraachuu  nutti himuu yaala. Raajidha!.

Kabajamtoota dubbiftoota ykn dhaggeeffattoota! gaafiin guddaan asirratti ka’uu qabu waayee hiika sabboonummaati? Innis Erga Lammaa Magarsaa fi waayiloonni isaa warri wayyaanee waliin ta’anii waggoottan 25n darbaniif ilmaan Oromoo ficisiisaa turanii fi jiran ummata bulchaa jirra jedhan ajjeesaa sabboontota ta’anii inni Oromoof du’aa turee fi jiru maal  haa jedhamu? isaan saba isaanif jedhnii baadiyyaa magaalaatti waraana Aga’aaziitin dhumaa turnaii fi jiran hoo maal jedhamu? Maal jennaani? Isaan  saba isaanitiif mana hidhaatti manakaraaraa jiran, isaan  saba isaaniif jedhanii waraana Wayyaaneetiin qaamaa hirdhatan, Isaan tikkoota wayyaaneetiin  eessa buteen isaanii dhabame maqaa maaliin  waamamu?

Qondaalonni OPDO kun keessumaa Lammaa Magarsaa waggoota 25n darbaniif Oromoo ajjeesuu fi ajjeechisiisuu malee maal Oromoof hojjete? Ammumallee Aga’aaziin Maqaa Komaandi Postiin Oromootti bobba’ee yoo fixu mee maal dubbate? Ammas kan OPDO irraa argaa jirru dhiphuu qabsoon Oromoo itti bulcherraa warra Wayyaaneen ergamanii sobanii nama Oromoof nahan fakkaatanii warra bara bittaa Wayyaanee dheereessuuf hidhii xuuxaa jiraachuu isaaniti. Isas ta’ee wayiloonni isaa gantoota! Isaan kanarraa ammoo sabbonummaan ni calaqqisa jedhanii dubbachuun ykn barreessuun maal jechuudha? Kun dhugaa dubbachuudhaaf dhiiga namatti qoosuu dha! Wareegama qeerroo Oromoo haranii hallayyaatti gatuuf tattaafachuudha!  Haasaan akkanaa gita lammii ta’uu dhiisanii; gita diinaa ta’uu dha ifatti mirkaneessa. Lammaa Magarsaas ta’ee waayiloonni isaa qondaaloonni OPDO karaa kamiinuu sabboontoota ta’uu hin danda’an, quuqama Oromoos hin qaban.

Qondaaloonni  OPDO keessaawuu  Lammaa Magarsaa fi kaabinoonni isaa isaanuu Wayyaaneedha, isaanuu Aga’aazi dha, isaanuu liyyuu Hayilii ummata Oromoo fixaa turanii fi jiranii dha. Warri har’a waltajjii adda addaarratti afaan mi’eeffatanii haasawaa jiran kun hunduu sobdoota, kijibdoota, warra harkii isaanii dhiiga ilmaan Oromootiin xuraayeedha, Cubbamtoota dhiigni ilmaan Oromoo isaanirraa iyyaa jiruu dha. Gumaatu irra jira, isaaniif Oromoon warra gumaati. Nama harki saa dhiiga namaatiin xuraayee ammoo sabboonaa jedhanii waamuun yakka. yakka yakka caaluudha. Namni yakkamaa saba isaa gurgurate sabboonaa jedhee yaamus, inni owwaatus yakkamtoota. Namni waan  ka’uumsa dubbii kanaa kan ta’e Lammaa Magrsaa Fi Sabboontoota OPDO tokko tokko jedhee barreessees haata’u kanneen biroo waan walfakkaataa karaa miidiyaa hawaasaa facaasaa oolan  beekees haa ta’u osoo hin beekiin kan itti jiran yyakka ta’uu hubatanii osoo irraa dhaabbatanii dansaadha! Dhiiga ilmaan Oromoo  saba isaaniif wareegamaa turanii fi jiranirratti qoosuu jiru waan ta’eef dhiisaa jedhamuu qabu. Gochi akkanaa gantummaattis nama rammachiisa!  Kanarraa ka’uun waan jedhanirratti xiinxalaa fi beekumsa gahaa qabaachuun dansaa dha!

Gantoonni kalees hara’as  bara hamaa dabrfachuuf sobanii maqaa saba kanaatin haa daldalan malee aantummaa saba Oromoo hin qaban, Lammaa Magarsaas ta’ee qondaaltoonni OPDO ergamtoonni Wayyaanee hunduu sabboonummaa mitii quuqama takkaawuu ummata Oromoo maqaa isaatiin daladalaa jiraniif hin qaban. Hojiin isaan ittiin beekamanii fi ittiin jiraachaa jiran ergamummaa dha. Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi hisiisaa bara saamichaa fi bittaa Wayaanee dheereesuu dha. Kun dhugaa qabatamaa,  hojii saanii ifatti beekamuu fi kan waggoota 25n darbaniif itti turaniidha. Jarreen kanaaf sabboonummaa kennuun  ammoo yakka. Cubbuudhasii.

Kanumarraa ka’uun namni kamuu  lafumaa ka’ee ergamtoota, garaaf bultoota saba isaanii gurgarataa jiran kanneeniin  beekaas haa ta’u osoo hin beekiin “Sabaan Boonaa, Sabaan Boontuu, sabaan Boontoota walumaa galatti sabboontoota”  jechuun gadhummaa dha! Doofummaadha! Qondaaloonni OPDO yakkamtoota, xurooftoota seenaati! Gataa Boosattiiti! Mujjaa, Buqqee kosiirra biqilan; warra quuqamni namummaa keessa hin jirree dha!

Xurooftoota seenaa, atalaa, koosii Wayyaanee yakkamtootaa fi ergamtoota kanaaf ammoo maqaa hin fakaannee fi gotota Oromoof kennamu itti  maxansuun qoosaa dha.  Qoosaa akkanaa qoosuurra  ammoo kan ta’uu qabu; warri  beekaas haata’u  odoo hin beekin maqaa isaanii hin malle  itti tolchuuf  kaachaa jiran kun odoo ummat Oromoo fi qabsaawoota  ilmaan isaa WBO/Qeerroo duukaa hiriiruun  waan danda’aniin jajjabeessanii, kosii Wayyaanootaa kana ofirra gatuu keessatti hirmaatanii irra dansaadha! Kan sabboonummaa namatti uwwisuu fi sabboonaa, Sabboontuu nama godhus hojii akkanaati malee oduu hin fakkaanne odeessuu miti!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here