Seenadhaan kan diinaa Oromoo ture, diina Qubee tahee as bahe

0
133
Qubee Afaan Oromoo

Duulli yeroo ammaa Qubaa Afaan Oromoo irratti deemaa jiru kun, kanuma amma guyyoota muraasa keessatti ykn ji’oota keessatti ykn waggaa tokko keessatti uumame miti.

Itti fufiinsa balleessii, Afaan, Aadaa, Duudhaa, Safuu fi amantii Oromoo ganamaa balleessuuf yaalamaa tureeti. kun immoo wagootan baayyeef dabraa-dabarsaan kan as gahe yoo tahu, qabsoo ilmaan Oromoo baradheeraf godhaniin bara 1991 injifatamanii, Qubeen Afaan Oromoo akka hojii irra oolu taasifame. Kunis kenna ykn badhaasa, ykn harjummaa diinnonni Oromoo rawwataniin otoo hin taane, Humna qabsoon Oromoo itti agarsiisen kan raawwatameedha.

Diinnon Oromoo otoo hin jaalatiin yeroof fudhatanis harka lafa jalaatiin, karaa adda addattiin Qubee balleessuuf tattaaffii baayyee godhaniiru.

Sababa Oromoon Qubee afaan isaatiif tahu filatee, beektoonni isaanii ifattii, miidiyaa garagaraatti ” faranjii gurrachaa” jedhanii Oromoo arrabsuu itti fufan. kan qofa miti. ergamtoonni fii diinonni afaan Oromoo, mana barnootaa Oromiyaa keessa jiru garagaraa keesatti qaxaramuun, kaayyoo isaanii, Qubee balleessuu qabatanii ka’an sana bakkaan gahuuf, daba baayyee hojjachaa turan. Ijoolleen akka qubee jibbituu toftaa adda addaa uumuu bira taranii, Akka ifatti balaaleffatan illee gochuuf tattaffataniiru.

Fakkeenyaf, 1990moota keessa, Jiddu gala Oromiyaa keessatt, mana barmootaa magaala Bishooftuu keessa jiran sadarkaa 1ffaa garagaraa keessaa ijoolleen Oromoo hiriira baatee akka qubeebalaaleffatu godhan. “qubeen afaan Oromoo nuuf galuu didee, barsiisoonni keenyayyuu hin beekanii, kanaafuu qubeen Latinii nurraa hafee, qubeen biyya keessatti dhalate, kan Gi’iizii nuuf haata’u” jechisiisan. yeroo sanatii bulchinsaa naannoo Oromiyaa warri harkaa qaban, Shira diinaa kana hubatanii, barsiisota Oromoo hin taane, gara 600 ol, hojii irraa dhaabsisan. Oromoonni bara chaartaraa Qubee baratanii fi kan sanaa asis tattaaffii ofiitin barachaa turan qaxaramuun, barsiisuu itti fufan. Barnnoonni Afaan Oromoos, gara sadarkaa oliiti fi Kolleejjotaa fi Unberistii keessatti akka kennamu qabsoon itti fufe,

Kun otoo kanaan jiruu, bara bulchinsa(Pirezidantii) Oromiyaa “kumaa Dammaqsaa” Taayyee Taklamaariyaa, barsiisonnii Oromoo hin taanee, kan afaan Oromoo dubbachuu fi barreessuu danda’an akka barsiisummaa naannoo Oromiyaatti qacaraman taasise. Kumaanis/Taayyeen sababa isaa ennaa Ibsi “Oromiyaan naannoo biraatif fakkii akka taatuu, “Le leloch Ara’ayaa lemahon new” kan jedhuu ture. Carraa kanaan warree seenadhumaan jibbinsa afaan Oromoo fi Qubee afaan Oromoo tahan, baayyinaan qacaraman. kana booda egaa toftaa adda addaan, barnoota afaan Oromoo akka dadhabaa deemu, dhoksaan shira dalagaa kan turan. Akkuma TVOn himame, ijoolleen kutaa 1ffaa irraa hanga 4tti, barsiisaa tokkoon akka barattu, akka qubee sirriitti hin qayyabanne, warri Oromoo hin taane kun diinumaa isaanii hojiin raawwachaa tura.

Otoo dhugaan barsiisanii, kutaa 1ffaa qofa keessatti, Qubee Afaan Oromoof A irraa hanag Z fii qubee dachaatti, tokkoo-tokkoo isaanitiif torban tokko barsiisan ( A torbee tokko, B torbee tokko C torbee tokko) barsiisanii, torbaan 33 keessatti ijoolleen Oromoo sirriiti dubbisuu fi barreessuu danda’u kan jedhuu amantaa qaba. Torbaan 33 jechaan ji’a 8 taha. kun immoo, barnoota waggaa tokkoo keessaa isa tokko jechaadha.

Karaa biraa immoo, beektonni isaanii ala irraa qubee afaan oromoo irratti olola oofuu itti fufan. Jarri immoo, harka lafa jalaatiin wal quba qabu turan.

karaa biraa ololli isaanii “barnoonni, Itophiyaa keessatti deemaa jiruu dhaloota kana ajjeessee (Tiwuld gadaay)” jechaa addunyaan akka dhagahuuf watwaataa turan. Kan irraa ka’uun, diinoonni qubee, Ameerikaan wal tahanii, qormaanni akka godhamu, maallaqa gudaa kitila 90 USD ramdatanii, itti bobba’an.

Kana keessa egaa, oromoota otoo hin taanee, warra alagaa, jibbinis Qubee fi Afaan Oromoo qaban akka qoratan kan godhamee fi, dabalataan, warra Oromoo tahanii garaa isaanitiif bulan dhoksaan maallaqicha akka quuddatan gudhanii, qorannoo sobaa kan dhiheessisan. Hojii kana akka qindoominaan hojjatan, warra qoratuu fi, duraanuu mana barnootaa Oromiyaa keessatti riphanii yakka dalagaa turaniin waaltawee kan hojjachaa dhufan.

kana keessa egaa, warra duraanuu kutaa keessatti ijoollee akka qubee jibbituu fi, waa tokkoo hin barsiifne, bira dhaqanii akka ragaattii galmeesifatanii, akka barnnoonni, kennamaa ture tartiiba qubee rakkina waan qabuuf jedhanii, dhoksaan, qubeen afaan Oromoo A, B,C,D irraa gara “LA G M” akka tahu taasisan.

Kitaabuta duraan barnootaf tolfaman hunda dhabamsiisanii, haaraa maxxansiisan.

As irattis waan hubatamuu qabuutu jira. Innis kitaaboonni ittiin barsiisaa turan keessatti barreeffamoota, seenaa Oromoo, aadaa oromoo fi sabboonumaa Oroomoo cimsutu keessa ture. Sun hundi warra Shiraan Afaanicha dhabamsiisuuf biiroo barnoota oromiyaa tahee mana barnootaa keessatti ramadamaniin jibbamaa ture. Kanaaf, waantii sabboonumaa Oromoo cimsu kamuu akka keessaa badu godhame. Kanaaf egaa, diinaa seenadhumaan eenyumaa Oromoo jibbaa dhufe sanatuu, ammas eenyumaa Oromoo dhabamsiisuf warra beektota faranjii jedhaman qabatee itti bobba’e ta’uu isaa Oromoon hundi hubachuu qaba.

 

MEE GARA SEENAA UUMAMUU HARFII QUBEE (LETTER OR FIGURES) HAA ILAALLU

 

Addunyaa kana irra afaan dubbii 6,500 ol ta’anis qubee ittiin barreessan warri qaban qubaan kan lakkaawaman jiru. Warri tokko tokko qubee ergifatanii fayyadamaa yeroo dheeraa waan turaniif, kanuma isaanii itti fakkaata.

Warri tokko tokko immoo, qubee dur-duriif haadha kan ta’e ergifatanii akka afaan isaanitii tolutti qopheeffatanii itti fayyadamaa jiru. Kan kana godhaniif akkaataa amala afaan isaanii fi saayyinsii baranee waliin deemutti qoratanii hojii irra oolfatan.

Warri qubee mataa isaanii qabu jedhaman baayyee ta’uu baatanis jiru. Keessaahuu addatti immoo, Afaan warra Kuush dur-durii ardii sadii ol irratti dubbatamaa kan ture yoo ta’u yeroo ammaa biyyootaa baayyeedhan ergifatamuu isaa beektoonni baayyeen irratti walii galu.

Afaan Kuush dur-durii jechotan, Qubeen, mallattoo lakkoofsaa afaanota biraatii bu’ura kan ta’e waggoottan kumaan lakkaawaman dura waan ta’eef yaadatamuu bira taree, irraanfatamuu bira darbee, burqaa warra kaanii akka ta’etti hubatama. Qubee Laatinii fi kan Arabaa kan jedhaman fakkii gaarii ta’u.

Sanyiin Kuushotaa dur-durii Bahaa fi Kaaba Afriikaa irraa hanga Kowkeeshiyaa, Kaasipiyaa, Kaasiyaa, Kuush fi hanga jiddu gala Eshiyaa (Hinduu-Gaanjiis) gahutti dhaloota kiristoos dura naannoo 4000 irraa kaasee kan babal’ate ta’uu isaa fi Kuushota lafa bal’aa kana irra tamsa’anii jiraachuu isaanii Argaa-dhageettii fi qabatamaa amantii fi daldalaan walitti hidhamee waan waggoottan baayyee tureef, tokko isa biraa irraa ergifatanii kan turan qubee fi mallattoon lakkoofsaa, warra boodatiin Laatinii warra jedhamanii fii Arabootaan dhalamuu danda’ameera.

Qaroominni jalqabaa biyya Giriikitti kan seenee biyya Kuush(Gibxi) irrayyi. Namni Seekroops jedhamuun ture. Seekroops biyya isaa Gibxii irraa namoota baayeye fudhatee biyya Giriiki dhaquun, magaalaa Ateenaa jedhamtu bu’ureesse. Kunis kan ta’e bara 1546 dhaloota kiristoos dura.

Waggootaa 30-40 boodaa keessatti namni Kaadimuus jedhamu biyya Feenqaa irraa gara Giriik dhaquun, Magaalaa “Teebes’ jedhamtu ijaare. As irratti waan hubachuu qabnu Ummanni Feenqaa jedhamu kun akkuma Kuushitti (Ethiopia) of hubata. Gibxii fii Warra Feenqaa jidduu Galaanuma Meditiraaniyaatu jira. Gammoojjii Kana’aanitti dhihoo jiru.

Kan biraa kan hubachuu qabnu immoo, Teebes Giriiki kana dura Teebes Nuubiyaatu ijaarame. Teebesin Nuubiyaa “Abbaa karra dhibbaa” jedhama. Giriikitti bu’ura qaroomaa kan gadi dhaabee nama Kaadimus jedhamu kana. Wayinii (Zabiibii) dhaabuu fi omishuu kan barsiise, mala Sibiila tumuu, barnoota qubee fi kan biraa kan barsiise nama kana. Warri Feenqaa immoo barnoota Qubee warra Kuush/ kaama/Haam irraa fudhatan.

There had been a rich literature in ancient Ethiopia, which endured until the time of Christ. There are now in existence more than two thousand Ethiopian manuscripts. The early Christian missionaries who entered Ethiopia considered it a duty to destroy all the ancient pagan literature.

Kemetic alphabet of Ancient Egypt/Kemet and the Upper Nile Valley of Ancient Africa.The Greek alphabet, the script of English today, is based on the Kemetic alphabet of Ancient Egypt/Kemet and the Upper Nile Valley of Ancient Africa. Ancient Egyptians called their words MDW NTR, or ‘Metu Neter,” which means divine speech. The Greeks called it, ‘hieroglyphics”- a Greek word. The etymology of hieroglyphics is sacred (hieros) carvings (glyph).”

The Oromos (the Kemet of modern age) called it Qubee.

Warri Kuushitti aanee qaroome immoo warra Feenqaa jedhaman, qarqara galaana Meditiraaniyyaa gara bahaa, biyya Amma Sooriyaa jedhamtu keessa turte. Biyyi ishiin yeroo sana Feenqaa jedhamtu, magaalota, Xiroos, Siidoo fi Pitoolmiis warra jedhaman of keessatti hammata ture.

Ummanni kun bara durii, daldalaaf doonii dhaan galaana irra olii gadi deemuu ture. Beekkumsa daldalaa fi mala bishaan irra solola’uu qabu turan. Duraan ummata Of danda’ee ofiin of bulchu ture, boodaa Sooriyaan dhuunfatte.

Biyya Afriikaa keessaa Morokoo (moritaniya), Aljers/Numeediya, Tuunis, Tiripolii jedhaman hunda, maqaa daldalaatin warri Feenqaa qabatanii turan. Yeroo sana Biyya isaanii irraa hanga garba Atilaantikitti yookin Jibilataralitti deemu turan.

 

Ejiptii fi Baabiloon, Maziriyaami fi Nimrod, lameenuu, hidda Haam irraayi. Akka dhala namaatii hojjachuuf carraaqaa turuu fi dureewwan ta’anii, waan baayyee safaramuu hin dandeenye, Hojii harkaa (art), Saayinsii fi hogi-baruu (litratur), Qubee tartiiban barreessuu Qormaata Urjiiwwanii (Astronomii), Seenaa Seenessuu, tartiiba wantootaa walduraa duuba mudatan yookin dhalataa deeman, Ijaarsa manneenii fi kaabii garagaraa, Hojii Pilastikii, Wantoota garagaraa soofuu fi suquu, waqaruu, galaan irraa solola’uu (Navigation), hojii qonnaan omishuu, warshaa huccuu (ufataan) ta’uun isaanii biyyoota warra jalqabaa taasise.

On the screen flashe the rich and surpassing culture of old Chaladea, this belonged to the ancient Cushite Empire of Ethiopia. Our story passes on to another remnant of the ancient Cushite empire,… now represented by the Basques; then to the Barbers of North Africa, another branch of the Cushite race.

Egypt and Babylon, Mizaraim and Nimrod, both descendants of Ham, led the way and acted as the pioneers of mankind in the various untrodden fields of art, sience and litratur. Alphabetical writings, astronomy, History, chronology, architecture, plastic art, sculpture, navigation, agriculture and textile industries seem to have had their orgin in One or the other these countries;” (Rawlinson’s Ancient Monarchies, vol. I)

yaadnii hogummaa fakkiin ibsuu biyya Gibxiitti Heerogloofiksi, Pershaa fi Assoor dur-duriitti immoo, Kuniiform kan jedhu barreeffamatti cehe. Achi irraa gara Heeraatikitti guddatee, Warra Feenqaatti, Baabiloonitti, Giriikitti, Roomaatti, achi irraa akkuma barmaatileetti Qubee Laatiinii jedhamaa gara biyyoota Awurooppatti babal’achuu danda’e.

Hundeen qubee kanaa Heeroogloofiks warra Gibxii dur=durii yoo ta’u, Maqaan isaa dhugaan Qubee Kuush Yookin “Meetu – Neetar” [Ancient Egyptians called their words MDW NTR, or ‘Metu Neter,” which means divine speech. The Greeks called it, ‘hieroglyphics”- a Greek word.] kan warra Kemet jedhamanii ture. Kanaan booda kan dhufe, kan warra Saabaa, kan Seem, kan Laatiin yookin “Alfaa-Beet” kan warra Feenqaa jedhamu barmaatileen malee seenaa irratti kan hundaaye miti. Maqootin kun kan itti maxxanfaman qubee warra Kuush, kan isaan ogummaan qaroo ta’anii fulla’anii ta’uu isaa ragaalee baayyetu jira.

Herogloofsiks, Kuushoonni dur-durii dhimma amantii gurguddaaf ittiin hojjachuu fi Yaadota mudannoo isaanii ittiin ibsachuuf, bitaa irraa gara mirgaatti kan dubbiifamu fakkii 800 kan gahanitti fayyadamaa turan. Fakkiiwwan sanas Qubee ebbifamaa jechaanii turan. Heerogloofiksitti dabalanii Kuniifoormi kan jedhu qubee qabu turan.

Heeraatiki kan Jedhamu immoo, Kuushonni dhimma waan amantiin wal hin qabanne kan ittiin galmeessan fi yaadota tokko tokkoof otoo hin taanee sagalee tokko tokkoon mallattoo qaruufin yeroo itti danda’anii fi Qubeen sadarkaa guddinaa irra gahee ture ti.

Heeratik (Deemootik)” kan jedhamu maqaa dabalataa warra Giriikitiin itti moggaafame.

Bara Aleksaadar Filiip wagga 300 dhaloota Kiristoos dura warra Pershaa bakka bu’ee Gibxii to’ate irratti, Qubee Heeratikii irraa Qubeen Koptikii dhalate. Qubeen Koptikii hanga Gibxiin to’annoo Mahaammadootaa jalatti kuftutti hojjachaa ture.

Qubeen uumaman/Kalaqaman warra Kuush durdurii kan Qubeen isaa salphaatti namaaf galuu fi barreessuf namatti toluu isaa irraa ka’ee, yeroo ammaa babal’achuun isaa itti fufee jira.

Warri Feenqaa, Herogloofiskii fi Kunifoorm barachuun itti Ulfaannan, Qubee fakkii sagalee tokko-tokkoon bakka bu’u kan ta’e Heeratikii Gibxii ergifachuun Qubee 22 irraa qopheeffatan. Kunis daldalaan wal qabatee gara biyyoota galaana Meditiraniyaa cinaa jiranitti babal’ate yookin faca’e.

Girikonnis Qubeedhuma 22n kana akkuma jirutti fudhatanii/garagalfatanii, isaan keessaa murtaawoo isaanii wayyeessanii dubbiiftuu itti uumanii, maqaa “Alfaa-Beet” jedhamu itti moggaasan.

Warri Giriikii maqaa Alfaa Beeti jedhuu kan argatan, Qubee jalqabaa lamaan “A” fi”B” (Alfaa fi Beettaa) warra jedhaman irraayyi.

Warri Feenqaa Obbolaa isaanii warra Kuush Gibxii irraa kan baratanii fi warri Giriikii immoo, akkuma jirutti kan garagalfatanii fi barachaa kan turan Qubee Heeratikii gara warra Roomatii fi Dhiha Awurooppatti kan baratame , warra Laatinoo-Roomaa irraa waan ta’eef “Qubee Alfaa-beetii Laatiinii” maqaa jedhamu kennaniif. Achi irraa gara Dhiha Awurooppaatti yoo babal’atu, warri Dhihaa immoo, dabaree isaanii gara Kaaba fi Kibba Ameerikaatti ceesisan.

Qubeen Ummata Kuush durduriiti qoramee ture kun, abbuummaan isaa ummata Kuush ta’uun isaa haalamee “Qubee Laatiin” jedhamee moggaafamuun isaa qaamaa seenaa dhokataa ta’uu isaa ibsa.

Sababa seenaa dhokatee kan irraa ka’uun, Qubeen warra Kuush bakka itti babal’ate hundatti kan beekamu maqaa “Qubee Laatini” tin. Duraan dursee akka ibsametti, “Qubee Sabaa fi Seem” kan jedhamus Qubeedhuma warra Kuush kana irraayyi.

Warri Awurooppaa bara qubee dhiifnana mallattoo wayiituu hin uummannetti, moototiin warra Asoosaa, warra Amaan- Ariitii, warra Taa’ii, warra Meetumaa warra Sobbooqaa, warra Tarkaakaa fi warri Fara’onota hafanii, maqaa ilmaan moototaa isaanii qalama hin badneen Paappiruus irrattii fii kan haqamuu hin danda’amneen dhagaa gurraacha irrattii barreeffamee argamuun isaa ragaa qabatamaa ta’uu isaati.

Qorataa Seenaa kan ta’e namni Faransaayi Jiin Doorees jedhamu waayee Oromoo ennaa ibsu (Gaazexa Riportar irratti)

Gaanfa Afriikaatti Ummatoonni argaman, Oromoonni, Sumaalonni, Afaaronni, qaroomina Gibxoota durii ni dursu. Ragaan jiru, jechoonni Oromoo tokko-tokko duraan dursanii jechoonni bara Fara’onota beekamoo fi hojii irra oolu isaati.

Maqaan Oromoon moggaafame kun, Oromootinis, gibxoota dur-durii keessatti hiika wal fakkaataa qaba. Kanaafuu qaroominni Gibxoota duridurii otoo hin qoratin dura qooqa afaan Oromoo qorachuun bu’aa qaba. Akkasumas Oromoo jedhamee maqaa Itophiyaa keessatti beekamee fi waamamu kun Gibxoota dur-durii biratti, dokumeentii keessatti ergaa wal fakkaataa qabaachuun, otoo dubbachiiftuu hin qabatiin, dubbifamaa qofaan galmeeffamee argamee jira.

Kanaaf, Oromoon Qubee warra Kuush dur-duriif abbaadha malee ergifataa miti. Qabeenya isaa dur-durii sana amma akka haarattii dhimmaa itti bahuu eeagale. Kun immoo, mirga isaa uumamaati. Eenyu irraayyuu hayyama hin eeggatu.

Qubee “Saabaa yookin Gi’iizii”;-Kan uumame Fireeminaaxoos fii warra Giriikii (Tsiri’i) fi warra Gibxii (Qibixaawiyan). Fireminaaxos (Abuna Salaamaa, Phaaphaasii habashaa isa duraa) jaarraa 4ffaa gara jalqabattii kan biyya habashaa dhufe. Dhalataa Lammii Giriikii kan ta’ee fi daldalaa lammii Sooriyaa kan tureedha

Jarri kun qubee “Alfaa, Beettaa, Gaammaa (A, B, G) “አ፡በ፡ገ፡ደ” jedhamu irraa gara “Ha, La, Ha,(ሀ፡ለ፡ሐ) Ma” geeddaranii akka Afaan warra Semeetikiif tolutti tolchan.

Akka Dabtaraan Kidaanawald Kiflee Taklee jedhuutti, qubeen Gi’iizii fii Amaarinyaa, qubee warra Yaman yookin kan Warra Kalaada ti jedhama. Otoo Tartiibni sanaan jiruu, “Kassatee Birihaan” yookin “ Abuna Salaamaa” yookin maqaa isaa Fireeminaaxos jedhamuu fi

Waayiloonni isaa lammii warra Gibxii fi warra Giriikii (Tsiri’ii, akka habashoonni waamanitti) kan ta’anitu qubee habashaa, qubee Gibxii fii Giriikii irraa tolcheef” jedha.

Kunis kan ta’e duraan A,B,G, D(አ፡በ፡ገ፡ደ jechaa ture, gara qubee, Ha, La, He, (ሀ፡ለ፡ሐ፡መ)Ma jedhutti geeddaruun hojii irra oolee.

Abuna Salaaman gara biyya habashaa kan dhufee amantii kiristaanaa lallabe, jaaraa 4ffaa gara jalaqabaa 360 dhaloota kiristoos booda ture. yeruma kana qubee Kuushotaa ergifatee kenneef.

Duraan dursee qubeen Gi’iiziin fayyadamaa kan ture lakkoobsa warra Giriikii kan ture (፩፡፪፡፫)tti fayyadamaa turanii booda warri Gibxii fi Giriikii Abuna Salaamaa (Fireeminaaxos) waliin dhufan sun lakkoobsa irraa (፩፡፪፡፫፡፬) gara Qubee isaatti lakkoobsa makuun, kan Gi’iizi sana lakkoobsa keessa baasanii qubee taasisuun “ Alfaa, Beettaa, Gaammaa”(A,B,G) kan ture (፩፡፪፡፫፡፬) “Ahaadu, Kileettu,Salastu” jedhanii walitti mi’eessuun dhiheessan.

Akka kanaan kunoo (Ahaaduu irraa hanag Ilfi () kan jiran lakoofson hundinuu , torbaatama malee () hundi isaanii kan warra Gibxii fi Giriikiti. Lakkoobsi “፮፣፯” gara qubee Laatinii isa “Z” jedhutti geeddarame.

Kun Immoo, “Ro” () n “O’ “mikiron” kan jedhamu irraa “O”xiqqaa irraa “ዖ” uumame.

፻፣፼” kan jedhaman, “፻“ kan warra Giriikit bifti isaa qubee Gi’iizii “የ“ (Yaa) fakkaata.

Lakkoofsi (፴፣፵፣፶) gegeedaramanii, olii fi gadi garagalanii yoo kaayama’ani qubee Gibxii fi Giriikii (ኒ፡ሚ፡ሊ) fi Kan Roomaa N,M,L” warra jedhaman irraayyi qubeen yookin lakkoofsi “፺“ tolfama. Lakkoofsi kun kan isaanii (Gibxii fi Giriikii)ti bifti isaa geeddaramee () ta’e.

Gi’iizin Dur-durii akkuma kan Gibxii, Giriikii fi Ibiraayisxii, innumti mataa isaa Fidala (qubee) malee akka kan Arabaa fi Laatinii dabalata biraa hin qabu ture. akkaatan barreeffama isaa, akka Arabaa fi akka Suuristii fi Ibiraaysxii mirga irraa gara bitattii malee, akka Kan Giriikii fi Gibxii bitaa irraa gara mirgaatti hin turre. Harka arra Giriikii fii Gibxiituu gegeeddare.

Yeroo Abuna Salaaman (Fireeminaaxos) Phaaphaasii habashaa is jalqabaa irraa kaasee (አ፡በ፡ገ፡ደ) Alfaa, Beettaa, Gaammaa, Deltaa kan jedhu irraanfatamee hafe, (ሀ፥ለ፥ሐ፥መ) kan jedhutti hafe. Booda garuu, biyya hunda irraa bade “Shiwwaa” fi “Simeen” qofa keessatti argame. Namoonni gartokkeen “qubee warra Shiwaa” yoo jedhan, gartokkeen immoo, “qubee warra Simeen” jedhu. Qubichi garuu, dur Abbaa Salaamaa dura kan tureedha. Turuu isaaf immoo, Siidaa Aksuum fi Holqa garagaraa keessatti barreeffamee argamuu isaatti.

“… Qubeen keenya tartiibni isaa fi seenan isaa dhugaan “አ፣በ፣ገ፣ደ“ akka ta’ee fi “ሀ፡ለ፡ሐ፡መ” akka hin taanee mirkana (Alfaa/Aliif, Beettaa, Gaammaa, Deltaa, ) akka ta’e mirkaneessina. Kana ta’uu isaa Araboonni otoo hin hafine, ragaa yoo bahan, warri seemaawiyyan fi warri Feenqaawiyyaan, seenadhanis ni mirkaneessu.

Warri Ingilizii biyya Masir (Gibxii) jiran , beektoonni Ingilizii, Gi’izii fi Ibiraayisxiin tokko jedhanii seenaa isaa fi qubee isaa gaazexaa irratti maxxansaniiru.” Jedhu habashoonni.

Seenaa qubee habashaa kana ta’ee otoo jiruu,” nutu uumee, kan dhuunfaa keenyati, kan Itoophiyaa keessatti dhalate” jedhu. Garuu, Yoom? Eessatti? Akkamittii? Eenyyutu uume? Bara kam? Kan jedhu yoo gaafataman deebii hin qaban.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here