Irreecha: akka mallattoo Aadaa Oromoo fi Oromummaatti

0
210

Seensa

Sabni oromoos aadaa fi seenaa mataa isaa, kan saba Kuush waliin walitti hidhatu qaba. Kanneen keessaa sirni Gadaa, kan oromoon ittiin walbulchaa ture bakka guddaa qaba. Sirni Gadaa sirna demokraasii ammayyaa waliin yeroo madaalamu seenaa uummata Afrikaa keessatti kan hiriyaa hin qabne ta’uu fi demokrasii Addunyaan kun yeroo ammaa faaristu waliin kan walqixu ykn kan caalu ta’uutti hubanna.

Sirni Gadaa gaaddisa ykn agoobara jiruu fi jireenya, akkasumas aadaa fi dhugeeffata Oromoo ti. Kanaaf yeroo sirna duudhaa gargaraa akka amantiittis ta’e, akka aadaatti raawwatu hunda seeraa fi heera Gadaa keessaa burqee fi tumameen qajeelfama. Haala kanaan ayyaanota waggaa keessatti tibboota adda addaatti kabajaman keessaa ayyaanni irreechaa isa tokkoo fi isa guddaadha.
Dhimma kabajaa irreechaa bal’inaan osoo hin laaliin dura hiikkaa irreecha jedhuu fi gosoota irreechaa hubachuun barbaachisaadha. Irreessa/ irreecha jechuun marga ykn coqorsaa fi daraaraa ykn lataa mukaa yeroo fi haala adda addaan ittiin bahaniidha.

Irreecha yeroo kamii fi maaliif dhimma itti bahu?

1. Irreecha Nagaa fi Araaraaf:- Yeroo namni waldhabu marga/coqorsa jiidhaa kutanii harkatti qabachuun maqaa Waaqaatiin araara akka buusan ykn nagaan akka ta’u kadhatu. Namni Waaqaan bulu kana bira darbee lola hin seenu. Cubbuudha.

2. Irreecha Jaarsummaaf:– Nama wallole yeroo araarsan marga ykn coqorsa qabachiisanii araaramuu isaanii ittiin mirkaneessu, akka lammata itti hin deebine ykn wal hin dhabne coqorsa ciniinsisanii kakasiisu. Haala kanaan namoota waldhaban gidduutti nagaan bu’uu isaa mirakeessu.

3. Irreecha Fuudhaa heerumaaf:- Yeroo dubra gaa’elaaf kadhatan jalqaba marga ergatu. Margi ergame kun irreessa/irreecha jedhama. Guyyaa ilma fuusisan abbaan eebbisee irreessaa fi alangaa ykn bokkuu itti kenna. Sirna fuudhaa fi heeruma, Sabbat marii ykn Irra dhaaba jedhamu yeroo raawwatanis jalqaba irreessa qabatanii kadhatu. Maqaa Waaqaatiin irreessa qabatanii yoo kadhatan hin dhaban. Nama irreessa qabatee waa kadhatu diduun cubbuu fi safuudha.

4. Irreecha Galmaaf:- Talacoon ykn dalagaan guyyaa kudharfee Galma Ayyaana gosaa yeroo dhaqan irreessa qabatu. Galmi Ayyaanota ( Qaallota) gosa irreecha isaaniif tumame qabu. Irreechi inni kun marga ykn coqorsa osoo hin taane gosa lataa mukaa kanneen akka birbirsa. urgeessaa fi qaraaruu fakkaatan lataa/damee isaa cabasuun qabatanii deemuun bakka itti irreeffatan yeroo gahan Ayyaana Galma sanaa kadhachuun ykn galateeffachuun irreeffatu.

5. Irreecha Tulluuf:- Irreechi Tulluu ammoo ji’a arfaasaa keessa ( yeroo bokkaan roobuu fi qonni/qotiisi eegalu) ummanni Waaqeffataan gamtaan Tulluutti bahuun kan kabaju dha. Kunis yeroo ji’i bonaa darbee, arfaasaan seenu, Bokkaan nagaa fi leekkee akka roobu, kan facaasan akka biqilu, kan biqile latee akka dagaaguu fi firii gaarii akka horatu, coociraa fi bineensa gara garaa irraa akka hoofkalu Waaqa kadhatanii Irreeffatu. Sirni kun bakka tokko tokkotti Tolcha jedhama. Akkas jechuun Arfaasaan yeroon akka Roobu, Qilleensi hamaa fi cabbiin midhaan balleessu akka hin mudanne akka Duudhaa fi Dhugeeffata Waaqennaatti falachuudha. Haala kanaan bokkaan yeroon yoo hin roobne, ummati Waaqeffannaan bulu, Safuu cabee fi Duudhaa jallate hooddachuun gamtaan bahee Waaqatti iyyata. Iyyannaa kana Waaqni battalatti dhagahee akka aadaatti Roobaaf. Garuu yeroo ammaa kana ummati keenya duudhaa fi aadaa kana irraa waan jallateef Waaqnis irraa garagalee hongee fi roobaan rakkisaa jira. Kanaaf Arfaasaan yeroon akka roobu, birraan yeroon akka caamu, duudhaan callate karaatti akka deebi’u gochuuf ummati keenya Aadaa fi Duudhaa isaa duriitti deebi’uu qaba. Yeroo sana Waaqnis akkuma isaa duriitti kadhata isaa ni guutaaf.

6. Irreecha Birraaf:- Ganni bacaqqee fi dukkanni roobaa darbee wayta birraan barihu, kan facaafatan daraaree gormee, lagni guute hir’atee yeroo lafti qooru, dhuma ji’a Birraatti ibsaa kormaatu gubama. Kunis ollaan walitti bahee waliin ibsaa birraan barihuu ibsu gubee, Waaqa kanaan isa gahe galateeffatee, waliin nyaatee dhugee sirbee dhiichisa. Itti aansuun ammoo Malkaatti walgahee gamtaan irreeffata. Kunis Waaqa nagaan ganna dukkana keessaa birraa booqaan nagaan isa gahe galateeffachuu fi bona dhufu nagaan akka hoofkalchu gaafachuudha.

7. Irreecha mallattoo Aadaa Oromoo fi Oromummaaf:-Yeroo ammaatti ayyaanni Irreechaa mallattoo Aadaa Oromoo fi Orummaa ta’ee jira. Biyya keessatti, magaalaa Bishooftuu, Hora Arsadiitti oromoon miliyoonaan lakkaa’amu kallattii hunda irraa walitti bahee Isiliaama, Kiristaanaa fi Waaqeffataa osoo hin jedhiin gamtaan kabajaa jira. Kunis bara baraan dabalaa fi guddataa jira. Biyyoota alaattis bal’inaan kabajamuu jira. Ayyaanni irreechaa Oromoo fi saboota biroo walitti fida. Alagaan aadaa oromoo fi eenyummaa oromoo akka baruu fi hubatu gumaacha olaanaa qaba.

Ayyaana Irreechaa bara 2016, Oromiyaa magaalaa Bishooftuutti kabajame irratti seenaa bara baraan hin dagatamnetu raawwate. Ilmaan Oromoo golee Oromiyaa mara irraa dhufanii, akkuma aadaatti Waaqa kadhachuu fi galateeffachuuf Malkaa Arsadiitti kanneen walgahan, miidhaa irra gahaa turee fi jiruuf sababaa iyyataniif haala hin yaadamnee fi suukaneessaa ta’een, akka Tasaa osoo hin taane, itti yaadamee Mootummaa biyyattiitiin rasaasa aara gaazii qabu itti roobsuun, garatti baqatanii fi bahan wallaalchisuun boollaa fi bishaanitti akka nam’an gochuun lubbuun dhibbootaan hedamu dabree, hedduun ammoo miidhaan qaamaa hangana hin jedhamne irra gahe. Kun seenaa Irreechaa keessatti madaa fi godaannisa yoomuu hin fayyine ta’ee galmeeffamee jira. Ilmaan Oromoo, Oromiyaa mara irraa, Jaarsa, Jaartii, Xiqqaa fi guddaa, akkasumas gandaa fi amantiin osoo adda hin bahiin Malkaa tokkotti waliin wareegamuun, Ayyaanni Irreechaa mallatoo Tokkummaa fi calaqqee eenyummaa Oromoo ta’ee seenaa keessatti akka galmaa’u godheera.

8. Irreecha yaadannoo wareegamtootaaf:-Ayyaana Irreechaa bara 2017 yeroo kabajnu, wareegama bara 2016 Malkaa Arsadiitti kafalame yaadachuun dirqama. Ayyaana Irreechaa bara 2016 irratti lubbuun dabree fi dhiigni Malkaa sanatti dhangala’e, daran akka waliin dhaabbannuu fi ayyaanni Irreechaa, mallattoo Aadaa Oromoo taasifannu nu taasisa. Diinni Ayyaana Irreechaa irartti akka addaan diigamnuuf  irreeffattoota keenya Malkaa irartti rasaasaan fixe. Kun garuu kan daran nu tokkoomsuu fi walitti nu fidu malee kan amantii fi gandaan addaan nu baasu miti; kan daran nu jabeessu malee kan nu laaffisu miti. Ayyaana Irreechaa irratti waloon wareegamuun keenya, seenaa gootota keenay #Shinnigaa deebisee kan haaromse waan ta’eef daran walitti nu iticha; akka waloon kaayyoo Oromoof aarsaa taanu nu jajjabeessa.

Xumura

Irreechaan keenya mallattoo Oromummaa keentaa ti; ayyaana kana otuu addaan hin abhiin waliin baanee waliin Irreechaa Harsadii fi ardaalee Irreechaa mara irratti waloon kabajachuun nhu mara irraa eegama. Waan ta’eef, Oromoon biyya keessaa fi biyya alaa seenaa kana qalbeeffachuu fi yaadachuun Ayyaana Irreechaa bara 2017, afuura tokkummaa fi gamtaan akka waliin kabajnu, akkasumas fuula dura kanuma akka jabeeffannu waamicha Oromummaa isiniif dhiheessina! Source

Koree Qindeessituu Irreechaa 2017

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here