Afaan Oromo
Waamicha Qeerroo Oromiyaa
Irraa Dhiyaata!
Wayyaaneen Labsii Yeroo Hatattamaa Paarlaamaa Isheetin kufe bifa seera dhabeessa ta’een hojiirra oolchuudhaan lubbuu uummata keenyaa galaafachaa jirti. Ajjeechaan suukaneessaan waraana Agaaziitiin uummata keenyarratti raawwatamu guyyaa guyyaadhaan dabalaa adeemaa jira. Waan kana taheef akka Qeerroo Oromootti tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa taheera. Bifuma kanaan guyyaa kiibxataa Bitootessa 4/2010 irraa hanga Wiixata Bitootessa 10/2010 tti duulli dhiyeessa boba’aa biyya keessaa gara alaa seenufii biyya keessa eddoo tokkoo gara eddoo tokkootti socho’u dhaabsisuu ni gaggeeffama. Haaluma kanaan Konkolaataan Boba’aa fe’ee gara biyyaa seenus ta’ee kan biyya keessa eddoo tokkoo gara eddoo tokkoo imalu guutmaan guututti akka dhaabbatu godhama. Kuni humna wayyaanee laaamshessuufi waraanni ishee eddoo tokkoo gara eddoo tokkootti saffisaan sosso’ee akka miidhaa uummata keenyarraan hin geenye taasisa.
Of eeggannoo!
Eddooleen raabsa boba’aa magaalaalee keessa jiran kamirrattuu tarkaanfiin hin fudhatamu. Eddoolee kanneen irratti tarkaanfii fudhachuun lubbuu namoota qulqulluu gaaga’amaaf saaxila. Kanaafuu eenyuyyuu eddoolee kanarratti tarkaanfii fudhatuu hin qabu. Lukkeeleenifi qaamoleen kamiyyuu hojii akkanaa irratti hirmaatanii qabsoo keenya xureessuuf sossoonaan Qeerroodhaan tarkaanfiin kan isaanirratti fudhatamu ta’a.
Hubachiisa!
Uummanni hundi duula gaggeeffamu kana cinaa dhaabbatee bifa dandahuun akka deeggarsa godhuufi qabsoo kanarratti gufuu tahuurraa akka ofqusatu gaafanna. Keessumattuu konkolaachitoonni boba’aa alarraa gara biyya keessaatti feetanis ta’ee kanneen eddoo tokkoo gara eddoo tokkootti sochootan duula gaggeeffamu kana beektanii akka gahee mataa keessanii baatan isin gaafanna. Waamicha kana irraan tarkaanfates kan hojjatu yoo jiraate Qeerroo Oromootiin tarkaanfiin kan irratti fudhatamu ta’a.
Injifannoon Kan Uummataati!
Amharic
እንደሚታወቀው የወያኔው ቡድን በፓርላማውም ውድቅ የተደረገውን የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ ካወጀ ወዲህ አጋዚ ወታደሮቹን በሰላማዊ ህዝብ ላይ በማሰማራት በየቀኑ ከህጻን እስከ አዛውንት ያሉ ዜጎቻችንን እየገደለ ይገኛል። እስካሁን ድረስ በነቀምቴ፣ በአምቦ፣ በደምቢዶሎ፣ በጊምቢ፣ በጊንጪ እንዲሁም ዛሬ ደግሞ በሞያሌ በርካታ ንጹሃን ዜጎች በአጋዚ ጥይት ተገድለዋል። ይህም ከፍተኛ የሆነ ቁጣ በህዝባችን ውስጥ ፈጥሯል። ስለዚህም ወያኔ ነፍሰ ገዳይ ወታደሮቹን በፍጥነት ከቦታ ቦታ በማዘዋወር ህዝባችንን እንዳይፈጅ እንቅስቃሴውን ለመግታት ብሎም የመጨቆኛ አቅም ለማዳከም የነዳጅ አቅርቦት የማቋረጥ እርምጃ እንዲወሰድ የሚያስገድድ ሁኔታ ተፈጥሯል ።
በዚሁ መሰረት ከመጪው ማክሰኞ መጋቢት ፬ እስከ ሰኞ መጋቢት ፲፥ ፪ሺህ፲ ዓ.ም. (ከማርች 13 እስከ ማርች 19, 2018) ድረስ ለአንድ ሳምንት የሚቆይ የነዳጅ አቅርቦትን ለማስተጉዋጎል እርምጃዎች ይወሰዳሉ። የነዳጅ ማመላለሻ ተሽከርካሪዎች ከውጭ ሃገር ነዳጅ ጭነው ወደ ሃገር ውስጥ እንዳይገቡ፣ ሃገር ውስጥም ነዳጅ ጭነው ከቦታ ቦታ መንቀሳቀስ እንዳይችሉ ይደረጋል። ይሄን ማዕቀብ ጥሰው በሚንቀሳቀሱ የነዳጅ ማመላለሻ ተሽከርካሪዎች ላይ እርምጃ ይወስዳል። ዝርዝር አፈፃፀሙ በቅርብ ይገለፃል።
ጥንቃቄ:
ዘመቻው በጥንቃቄ የሚካሄድ ይሆናል። የሚወሰደው እርምጃ በከተሞች ውስጥ ያሉ የነዳጅ ማደያዎችን አይመለከትም። የዚህ ዓይነቶቹን ተቋማትን ላይ የሚወሰድ እርምጃ የንጹሃን ህይወት ላይ ኣደጋ ስለሚያስከትል ነው:: የዚህ ዓይነት ተግባራትን በመፈጸም የህዝቡን ትግል ለማጠልሸት ስርዓቱ የሚያሰማራቸውንም አካላት በመከታተል እኩይ አላማቸውን ለማክሸፍ በትጋት የሚሰራ ይሆናል።
በመጨረሻም ህዝባችን ይሄንኑ ተገንዝቦ አስፈላጊውን ዝግጅት እንዲያደርግ ከወዲሁ እናሳስባለን። የነዳጅ ማመላለሻ አሽከርካሪዎችም ይሄንኑ እንድትገነዘቡና ተገቢዉን ጥንቃቄ እንድታደርጉ ትመከራላቹ። ይሄንን ተላልፋቹ ራሳቹን ለአደጋ እንዳታጋልጡም ከወዲሁ እንመክራለን።
—
ሰፊው ሕዝብ በትግሉ ድልን ይጎናጸፋል!!