Gumiin Abbootii Gadaa Oromiyaa dhimma walitti bu’iinsa ABO fi Mootummaa Jidduu jiru irratti mari’achuuf Waltajjii marii Amajji 14, 2011 qopheessuun isaa ni yaadatama. Marii kanarrattis Hayyu-Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa Waraana Bilisummaa Oromoo ajaja isaanii jala jiru Gumii Abbootii Gadaa, Haadholii Sinqee fi uummata Oromootti dabarsanii kennanii jiru. Mootummaanis murtii Abbootiin Gadaa irra gahan fudhachuuf waadaa galeera. Bu’uuruma kanaatiin koreen teeknikaa Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee , Hayyoota , bakka bu’oota ABO fi mootummaa walumaa galatti namoota 71 of keessaa qabu hundaa’ee hojiisaa eegaleera.
ERGAMA KOREE TEEKNIKAA
Ergamni guddaan koree teknikaa kanaa aangoo guutuu Ummata Oromoo, ABO fi mootummaa irraa kennameefitti fayyadamuudhaan Waranni Bilisummaa Oromoo bosonaa bahee ummata isaatti akka makamu gochuudha. Koreen kunis muddama yeroo ammaa kana Oromiyaa keessa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan Amajji 15, 2011 atattamaan walgahee karooraa fi murtiiwwan armaan gadii qopheesseera.
MURTIIWWAN KOREE KANAAN KENNAMAN
1. LOLA DHAABUU
1.1. Guyyaa har’aa Amajjii 16,2011 irraa eegalee Mlolli gama lachuu akka dhaabbatu;
1.2. Yeroo kana keessatti gama lachurraahuu tarkaanfiwwan gara lolaatti geessan kamirraayyuu akka of qusatan;
1.3 Yeroo kana keessatti deeggartootaa fi miseensota ABO hidhuun akka dhaabbatu
1.4. Ololli miidiyaa murtii lola dhaabuu kana jeequ kamiiyyuu akka dhaabbatu. Gamni lamaan komii walirraa yoo qabaatan ibsa ejjannoo fi haasaa miidiyaa gochuu dhiisuudhaan komii isaanii koree teeknikaa kanaaf dhiheeffatu.
1.5. Koreen kun sochii qaamni lameenuu taasisan sirriitti hordofee qaamni gochawwan labsii lola dhaabuu diigan raawwatee argame karaa midiyaaleen uummataaf ifa godha. Kana keessatti uummanni keenya gartuu kamiifiyyuu osoo hin loogin qaama tarkaanfii labsii kana diigu fudhatuu malu hordofee eeruu akka kennu gaafatna.
2. WARAANA BILISUMMAA OROMOO
ILAALCHISEE
2.1. WBOn kabajaaa Isaaf malu argatee simannaa hoo’aadhaan akka galu ni taasifama;
2.2. Har’a irraa eegalee guyyoota 20 keessatti hojiin WBO galchuu guutumaan guututti ni xumurama.
Guyyaan 10 duraa qophiif ta’a. Guyyoota kunneen keessatti koreeleen simannaa ni ijaaramu; ibsi barbaachisu hundi ni kennama; kaambiinis qophaawa;
Guyyaa 10 itti aananitti waraanni walitti qabamee, simatamee mooraatti guutumaan guututti kan galu taha;
2.3. Guyyaa WBOn simatamutti sochiin isaa akka hin danqamneef guyyoota sadihiif Raayyaan Ittisa Biyyaa daandii banaa akka godhu ni taasifam.
3. SADARKAAWWAN WBOn ITTI GALU
3.1. Hojiin WBO mooraatti galchuu kun sadarkaa sadihiin kan raawwatamu taha. Sadarkaa duraatti magaalota aanaalee itti dhihootti walitti qabama. Itti aansee godinoota murtaa’aa irratti sirni simannaa gaggeeffamaaf. Dhumarratti kaambii qophaayeefitti gala.
Simannaa godhamuuf gubbaa irraa hamma aanaatti koreen ni dhaabbata. Baajatni barbaachisus ni ramadama. Simannaa irratti hogganoonni ol’aanoon mootummaa, kan ABO, qondaaltonni waraanaa gama lachuu fi Abbootiin Gadaa ni argamu;
3.2. Erga WBOn mooraatti galee booda humni beekkamtii mootummaan ala hidhatee socho’u kamiiyyuu Oromoo fi Oromiyaa keessatti beekkamti hin qabu. Sochii humnoota akkasii mootummaa fi ummanni waliin ta’uun nagaa fi ol’aantummaa seeraa ni kabchiisu.
3.3. Akkuma WBOn kaambiitti galeen Raayyaan Ittisa Biyyaas ummata keessaa bahee kaambii isaatti akka deebi’u ni taasifama;
4. HAALA QABIINSA KAAMPII KEESSAA ILAALCHISEE
4.1. Kaambileen kun iddoowwan lolli itti godhamaa ture irraa kan fagaatan ta’u;
4.2. WBOn Kaambii keessa yeroo ji’a lama hincaalleef tura
4.3. Leenjiiwwan barbaachisan marti ogeeyyota seeraa fi dhimma nageenyaatiin ni kennamaaf;
4.4. Koreen teeknikaa kun haalaM qabiinsaa fi kunuunsa isaanii irrattI hordoffii ni taasisa.
5. HUMNA NAGEENYAATTI MAKAMUU
ILAALCHISEE
Miseensonni WBO fedhii dhuunfaa isaanii akkasumas madaalliwwan barbaachisan hundi sirnaan eega godhamanii booda, kan fedhii qaban gara Humna Nageenyaatti, kanneen hafan immoo bu’uuruma fedhii isaanitiin hojii dhuunfaas tahee siyaasaa barbaadanitti akka bobba’an kan godhamu taha. Kanneen hojii dhuunfaatti bobba’aniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa taasisa.
6. Miseensonni WBO yeroo waraana keessa turanitti badii akka dhuunfaattis tahe akka gareetti raawwatame hundaaf dhifamni kan godhamuuf taha;
Murtiin kun kan Ummata Oromoo hundaa ta’uun beekamee qaamni hundi raaw’ii isaatiif akka tattafatuu fi gochoota murtii kana faalleessan irra akka of qusatu gaafanna. Kan murtii kana faalleesse argame maqaa Waaqaatiin isin qabneerra.
Muramte
Amajjii 16, 2011
AMBO